Odduu Ammee

Warreen Seera Alaan Muudam Ephis Qophoosummaa “muudaman” jedhaman Keessaa tokko kan turan Abbaa Niwaye Sillaasee Akliiluu
Mana Kiristaanaafi Qulqulluu Sinoodoosii dhiifama gaafachuun Deebi’anii jiru.
Abbaa Niwaye Sillaaseen xalayaa dhifamaa isaanii irratti akka ibsanitti waggoota hedduuf tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti biyya keessaa hanaga Iyarusalemitti qooda fudhatanii osoo jiruu dhimmicha osoo hin addeeffatiin seenuun muudama seeraan alaa fudhatanitti gaabuu isaanii ibsanii jiru.
Qulqulluun Sinoodoosis dhiifama gaafachuu isaaniif gammachuun isaan simatee jira.
Abbaa Niwaaye Sillaaseen haala rakkisaa namoonni “muudaman” keessa jiran irraa yoon du’es Mana Kiristaanaa koo ishee na barsiifteefi na guddiste, Ummata kiristaanaa gochaa dogongoraatiin gaddisiise osoo dhiifama hin gaafatiin ta’uu hin qabu jechuun deebi’uu isaaniitiif Waldaan Daandii Abbootii gammachuu itti dhagahame ibsaa warreen hafaniifis Waaqayyo Laphee tokkummaafii Araaraa akka Kennuuf kadhannaa keenya akka itti fufnu jechuu jaallata.